Barbaachisumaa tokkummaaf kan kadhate goofta keenya Yesus Kristoosiidha. Sabni waaqayyoo tokkoo akka ta’u waan barbaadeef, eebba tokkummaa keessa argamu dursee waan beekuuf tokko isaan godhi jedhe kadhate. Isaanis tokko haa ta’aniif, yaa abbaa, akka ati ana keessa jirtu anis si keessa jiru, isaanis nu keessa haa jiraataniif, biyyi lafaas ati akka na ergite haa beekaniif kadhachuu kooti (Yoh.17:21-22). Gooftaan Yesus tokkummaan inni warra isa duukaa bu’aniif kan inni kadhate tokkummaan abbaa isaaf isa jiddu jiru fakkeenya goodhatani, otuu gargar hin ba’in wal keessa akka jirataniif.
Haa ta’u malee adunya kana keessatti maatiin, waldaan, jarmiyaaleen, sabn, akkasumaas biyyoonni garagaraa tokkummaadhaan akka jirataniif hawwii baayee qabu. Tokkummaa isaanis eegachuuf caraaqii danuu godhu. Garuu tokkummaan isaan hawwan kun, aarsaa guddaa itti baasan, caraaqii guddaa godhan kun tokkummaa dhugaa ijaarufii laata? Yookiin tokkummaan dhugaan galeefii jiraa? Akkamitti tokko ta’un danda’ama kan jedhu gaafii namoota baayeedha.
Tokkummaan dhugaan isa kaami? Akkamitti ijaaramuu danda’a?
Sagalee waaqayyoo keessa mee waliin haa ilaalu: Amantoonnis barsiisa ergamootaatti, tokkummaa isaanii cimsachuutti, buddeena cabsachuutti, kadhata godhachuuttis qabamanii jiraatan. Kan amanan hundinuu waliin wajjin iddoodhuma tokko turan, kan isaan qaban hundinuu qixee ture. Aradaa isaaniitii fi qabeenya isaanii gureguranii, horii isaas hundumaafuu, akka isa barbaachisetti ni hiru turan (HojE.2:42-44). Namoonni amanan hundinuu warra garaa tokkoo fi yaada tokkoo turan. Isaan keessaa namni tokko ilee qabeenya ofii qabaan tureen kan kooti hin jenne; qabeenyi isaanii hundumtuu kan walii isaanii ture. Hoomtinuu isaan keessaa waa dhabee hin rakkanne (HoE.4:32-35). Guyyaa guyyaatti yaada tokkoon mana qulqulluummaatti dedeebi’anii, manuma mana isaaniittis buddeena cabsatanii, gammachuudhaan, garaa qulqulluudhaanis nyaata isaanii waliin ga’anii nyaatu turan. Isaan waaqayyoon ni galateeffatan saba hundumaa durattis ayyaana argatan; gooftanis guyyaa guyyaatti warra fayyan amantootatti ni dabale (HoE.2:46-47).
Akkuma armaan olitti sagalee waaqayyo keessatti hubannetti tokkummaan dhugaan isa kana fakkata. Haa ta’u malee wanti adunyaa keessatti ta’aa jiru faalaa kanaati. Tokkummaa dhugaa keessatti wanti dhoksanii itti dhima ba’an tokko hin jiru. Tokkummaa dhugaa keessatti, garaadhaan, haafuuraan, qabeenyaan tokkoodha. Tokko tokko irra qabeenya adda ta’e tokko hin qabaatu. Tokkummaa dhugaa keessatti samichii fi hanni hin jiru. Saba, maatii, waldaa, biyyaa tokkummaan dhugaan keessa jiru rakkatee kan kadhatu hin argamu, kan waan nyaatu dhabee beela’u hin jiru, ofitummaan hin jiru.
Yoo gubbaa isaa ilaalee maatiin tokko tokkummaa qaba jechuu ni dandeenya; garuu yoo keessa isaa ilaalee, haati manaaf abbaan mana qabeenya dhoksaatti kaawwatu, dhoksaatti waan barbaadan hojjetu, garaan isaani tokko miti. Kanaaf tokkummaan baayeen otuu hin beekin dhoksaatti digamee erga dhumee achi as ba’a jechuudha. Waldaa kristiyaanaa keessatti, iddoo baayeetti kanumaatuu calaqisa. Tajaajilaaf maatiin isaa waan nyaatan dhabnii rakkatu garuu immoo geggeesitoonni waldaa immoo waayee akkasii dhimatti hin fudhatan. Nama tokkoof akka gaariitti qarshiin kaffalamaaf kaniin garuu ni beelesu. Waldaa akkasiii keessatti tokkummaan akka hin jiree mul’isa. Nama walcalchiisuun jira tanaan, garaadhaan garaa garuummaan jiraa tanaan, gareen walqoodanii lafa jalaa dhoksaan hojjechuun jira tanaan, hanniif samichi jira tanaan waldaan sun gonkummaa guddachuu hin dandeessu. Waayee tokkummaas lallaabuun furmaata hin fidu. Kanaaf tokkummaa amantoota isa dhugaadhaaf xiyyeefannoo kenuun geggeessitootaaf amantoota irra guddaatuu eegama.
Kara tokkummaa sabaattis yoo deebine, sabni tokkoo afaan tokko dubbateef aadaa tokko qabaateef tokkummaa qaba jechuu miti. Sabuma tokko keessatti hiyyeessis dureesis, kan waan nyaatu dhabee boo’uus kan irraa haafee wan godhu walaalees ni jiraata. Sabuma isaa namni tokko immoo qabeenya isaa dhoksaan jalaa sama, mata’a fudhatee firdii jallisa, ni saama, Achi gargalee immoo sabni kun tokkummaa qabaachuu irra jira jedhe isa sobaa lallaba. Waruma tokkummaa sabaa digantuu tokkummaa tokkummaa jedhe faarsa. Warra akkasii kanaaf tokkumaan dhugaa hin galeef. Sabni tokko tokkummaa qaba jechuun rakkataan, beela’aan, qabeenyaan walcaaluun, samichi hin jiru. Sabni Oromoo maaliif tokkummaa dhabee yoo jedhamee, garaan, qabeenyaan, qulqulluumaadhaan, iftoominaan, wal kabajuudhaan, jaalalaan, nama hundumaa walqixxeetti ilaaluudhan, haafuuraan tokko wan hin ta’iniif. Kanaaf tokkummaa dhugaa ijaaruuf sagalee waqayyoo keessa isa ergamoonni jiraatan sana gara hojiitti jijjiruun nuuf ta’a.
Biyya gargaraa keessatti tokko samaa, tokko beela’aa, tokko du’aa tokko ajjeessaa, nama walcalchisaa, ofitummaan guddaan gaggeefamaa wayee tokkummaa biyyaa nu barbaachisa jechuudhan fakkeessu. Karaa biraatiin afaan hundummaa baleessanii afaan tokko qofa dubbachuun tokkummaa fidda jedhanii biyyi yaadan waayeen tokkummaa hin galeef. Biyyaa akkasii keessatti tokkummaan dhugaas hin turee, yoo haalli kun hin jijjiramin tokkummaan dhugaan dhufuu hin danda’u.
Waaqayyo saba keenyaaf biyya keenyaaf tokkummaa dhugaa kan nuuf ijaaru nama akka nuuf kaasu haa kadhannu. Tokkummaa maatis ta’e kan waldaa jireenya ergamoota irra baranne waliin haa eegannu. Gooftaa Yesuus isa tokkummaaf kadhate, tokkummaa jaallatu nu gargaar. Ameen!